• Gubure,Wolkite, Guragie Zone
    SNNPR, Ethiopia
Waa'ee Keenya

Focus

"FOCUS" jechi jedhu, jecha Kottoonfataa /Abbrevation dha. Hiikni isaas Afaan Ingiliffaan: F- Fellowship O- Oromo K- Chiristian F- University F- Student jechuu yoo ta'u, hiikni guutuun isaa' Fellowship of Oromo Christian University Student jechuudha. Afaan Oromootiin 'Tokkummaa Barattoota Kiristiyaanaa Oromoo jechuudha. Akkuma dhabbata olii irraa hiikni itti keenamettis,FOCUS jechuun ilaalcha siyaasa kam irraayyuu bilisa kan ta'edha.

Waaqayyo Si Jaallata


Jireenya Keetiifis Karoora Dinqisiisaa Siif Laateera.

“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hanga kennuufiitti biyya lafaa jaallate,
kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee,
haa baduuf miti.” (Yoh. 3:16)

Karoora Waaqayyoo
Yohaannis 3:16: ‘Waaqayyo biyya lafaa guutummaa waan jaallateef, kan isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef tokkicha ilma Isaa kenne’ jedha. Kanaafuu, Yesuus Fayyisaa addunyaati, kan dhala namaa hundumaati!
Yesuus Karaadha.
Kaaraan inni tokkichi kan nama gara Waaqayyotti geessu Yesuus Kristoosi dha. Inni qooda Keenya du’e. Namni karaa Yesuus Waaqayyoon beekuu, karoora isaa beekuu fi jaalala isaa mi’eeffachuu danda’a.
Yesuus Fayyisaadha
Tokkoon tokkoo keenya Yesuus Kristoosiin akka fayyisaa keenyaatti fudhachuu malla , yoo kana ta’e jaalalaa fi karoora inni jireenya keenyaaf qabu beekuu dandeenya.
Yesuus Maliif Du'ee?
Yesuus Kristoos cubbuu keenyaaf jedhee akka du’e amanuu qabna.
Namni Cubbamaadha.
Cubbamoota ta’uu keenya beeknee cubbuu keenya irraa deebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin walii galuudha.
Sagalee Waaqayyoo Dhaga'uun Jireenya Namaaf Kenna.
Yesuus ani karaadha,dhugaadha,jireenya jedhee nutti dubbate.Namni sagalee kanatti amanu jireenya isaa ni olfata jedhe. Yoh. 14:6; Yoh.11:25-26; Ibr.10:20
Barruulee

Barruulee Dhiyoo

Halluu Fuula Moosaajii Kana jijjiiruu barbaaddaa?
Halluu Barbaadde Filadhu!