YOH 15:16
BARBAADDEE MOO? BARBAADAMTEETI? Wanta barbaaddef utuu hin taane wanta barbaadamteef jiraachuun waamicha keeti!. Waaqayyoo jalqaba ofii barbaade ykn jiraachuun kee isatti tole si uume. Jiraachuu (qaama godhatte argamu) kee dursee jiraachuu kee kan barbaade Waaqayyoodha. Kanaafuu isa barbaadde dursitee isa si barbaadeef of barbaaduun kee filannoo Waaqayyooti. Kanaaf ati gara biyya lafaa kan dhufte ofii barbaadde osoo hin taane barbaadamteeti. Filannoo keetiin utuu hin taane filannoo Waaqayyootiini. Filannoo isa si filate jiraaachuun immoo waamicha keeti. Namni jalqaba gaafa cubbuutti kufe filannoo isa isa barbaadee utuu hin taane filannoo mataa isaa waan filateefidha. Egaa asitti waan tokko of gaaafadhu mee! Filannoon Waaqaayyoo maal ture? Filannoon namaa hoo? Kan kee har’aa immoo akkamitti ibsita? Waa’ee filannoo ykn filachuu irratti yoo waliin dubbanne, an akkasittan siif deebisa. Waan tokko filachuun dura wanti keessaa filatan jiraachuu ni mala. Wanta filatamu keessaa filachuun immoo eenyummaa filannoo ofii hubachuu barbaada. Sana booda garuu, wanti filatamu sun waanuma filannotti dhiyaateef utuu hin taane isa jiru keessaa isa jiraatu ykn isa ta’u filachuudha ykn kan ofii gochuudha. Har’a egaa wanta filatamutu dhibe osoo hin taane isa filatan beekuun garuu namatti hir’ate. Mee waan tokko hubadhu filachuun isa ta’u fudhachuudha. Egaa inni siif ta’u ykn isa barbaadamtef sanaan si gahu, atis fudhachuudha qabdu isa kami? FILANNOO WAAQAYYOO BEEKTAA? Hin beektu taanaan wanta barbaadamteef jiraachuu dhiiftee, wanta barbaadduuf du’aa jirta jechuudha. Kanaafuu ati ofiin barbaaddee utuu hin taane waaqayyoon barbaadamtee gara lafa kana dhufte waan ta’eef yaada barbaadamteef jiraachuun jireenya keeti. Isa barbaadde sanaaf du’uun immoo filannoo keeti. Filannoon kee jireenya kan siif ta’uu danda’u yoo filannoo isa si filatee sana filatte qofa dha. Sababni isaas BARBAADDEE OSOO HIN TAANE BARBAADAMTE dhufte waan ta’ef! Yoh.15:16 Isin ana hin fo’anne, anatu isin fo’ate; dhaqtanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera. YOH 15:16
BARBAADDEE MOO? BARBAADAMTEETI?
Wanta barbaaddef utuu hin taane wanta barbaadamteef jiraachuun waamicha keeti!. Waaqayyoo jalqaba ofii barbaade ykn jiraachuun kee isatti tole si uume. Jiraachuu (qaama godhatte argamu) kee dursee jiraachuu kee kan barbaade Waaqayyoodha. Kanaafuu isa barbaadde dursitee isa si barbaadeef of barbaaduun kee filannoo Waaqayyooti. Kanaaf ati gara biyya lafaa kan dhufte ofii barbaadde osoo hin taane barbaadamteeti. Filannoo keetiin utuu hin taane filannoo Waaqayyootiini. Filannoo isa si filate jiraaachuun immoo waamicha keeti. Namni jalqaba gaafa cubbuutti kufe filannoo isa isa barbaadee utuu hin taane filannoo mataa isaa waan filateefidha.
Egaa asitti waan tokko of gaaafadhu mee! Filannoon Waaqaayyoo maal ture? Filannoon namaa hoo? Kan kee har’aa immoo akkamitti ibsita? Waa’ee filannoo ykn filachuu irratti yoo waliin dubbanne, an akkasittan siif deebisa. Waan tokko filachuun dura wanti keessaa filatan jiraachuu ni mala. Wanta filatamu keessaa filachuun immoo eenyummaa filannoo ofii hubachuu barbaada. Sana booda garuu, wanti filatamu sun waanuma filannotti dhiyaateef utuu hin taane isa jiru keessaa isa jiraatu ykn isa ta’u filachuudha ykn kan ofii gochuudha. Har’a egaa wanta filatamutu dhibe osoo hin taane isa filatan beekuun garuu namatti hir’ate. Mee waan tokko hubadhu filachuun isa ta’u fudhachuudha. Egaa inni siif ta’u ykn isa barbaadamtef sanaan si gahu, atis fudhachuudha qabdu isa kami? FILANNOO WAAQAYYOO BEEKTAA?
Hin beektu taanaan wanta barbaadamteef jiraachuu dhiiftee, wanta barbaadduuf du’aa jirta jechuudha. Kanaafuu ati ofiin barbaaddee utuu hin taane waaqayyoon barbaadamtee gara lafa kana dhufte waan ta’eef yaada barbaadamteef jiraachuun jireenya keeti. Isa barbaadde sanaaf du’uun immoo filannoo keeti. Filannoon kee jireenya kan siif ta’uu danda’u yoo filannoo isa si filatee sana filatte qofa dha. Sababni isaas BARBAADDEE OSOO HIN TAANE BARBAADAMTE dhufte waan ta’ef!
Yoh.15:16 Isin ana hin fo’anne, anatu isin fo’ate; dhaqtanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera.
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa