Rom 12:9
GAARII YAADI Mucaan xiqqaan tokko haadha isaatti aaree "sin jibba, sin jibba" jedhee itti iyye. Sababa haadha isaatiin akkas jedheef of ceepha’ee manaa bahee fiige. Gara bosonaatti bahee akkas jedhee iyye, "sin jibba, sin jibba, sin jibba"; yeroo kana sagaleen deebi'ee bosonicha keessaa "sin jibba, sin jibba"ittiin jedhu dhaga’e. Mucichi jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaatiif sagalee bosona keessaa itti deebi’uu dhaga’e. Innis sodaate, gara haadha isaa dhaqee "mucaa hamaa tokkotu bosona keessa "sin jibba, sin jibba" naan jedhee natti iyye" ittiin jedhe. Kana irratti haati isaa sagalichi sagalee gaafa bosonatti iyyan namatti deebi’uu ta’uu isaa bartee; mucichaan akkas jetteen "gara bosoniichaatti deebi’iiti "sin jaalladha, sin jaalladha” jedhiin" jetteen. Yeroo kana mucichis deebi’ee “sin jaalladha, sin jaalladha” jedheen, yeroo kana bosonicha keessaas sagaleen “sin jaalladha, sin jaalladha” jedhu deebi’eef. Kanaaf jireenya keessatti waanuma kennine deebisnee fudhanna. Akkuma mucaan kun akka jaallatu bosona sana keessatti dubbatee deebiisaa jaalala argate jechuudha. Yeroo namootaaf gaarii taatu, siifimmoo hunda caalaa gaarii siif ta’a. Kiristaanotaaf immoo namootaaf gaarii ta’uun eenyummaa isaanii keessaa isa tokkodha. Akkuma kana namni Yesusiitti qabamee jiraatu waan gaarii malee waan hamaatti qabamee jiraachuu hin danda’u. “Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!” Rom. 12:9 Rom 12:9
GAARII YAADI
Mucaan xiqqaan tokko haadha isaatti aaree "sin jibba, sin jibba" jedhee itti iyye. Sababa haadha isaatiin akkas jedheef of ceepha’ee manaa bahee fiige. Gara bosonaatti bahee akkas jedhee iyye, "sin jibba, sin jibba, sin jibba"; yeroo kana sagaleen deebi'ee bosonicha keessaa "sin jibba, sin jibba"ittiin jedhu dhaga’e. Mucichi jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaatiif sagalee bosona keessaa itti deebi’uu dhaga’e. Innis sodaate, gara haadha isaa dhaqee "mucaa hamaa tokkotu bosona keessa "sin jibba, sin jibba" naan jedhee natti iyye" ittiin jedhe. Kana irratti haati isaa sagalichi sagalee gaafa bosonatti iyyan namatti deebi’uu ta’uu isaa bartee; mucichaan akkas jetteen "gara bosoniichaatti deebi’iiti "sin jaalladha, sin jaalladha” jedhiin" jetteen. Yeroo kana mucichis deebi’ee “sin jaalladha, sin jaalladha” jedheen, yeroo kana bosonicha keessaas sagaleen “sin jaalladha, sin jaalladha” jedhu deebi’eef. Kanaaf jireenya keessatti waanuma kennine deebisnee fudhanna. Akkuma mucaan kun akka jaallatu bosona sana keessatti dubbatee deebiisaa jaalala argate jechuudha. Yeroo namootaaf gaarii taatu, siifimmoo hunda caalaa gaarii siif ta’a. Kiristaanotaaf immoo namootaaf gaarii ta’uun eenyummaa isaanii keessaa isa tokkodha. Akkuma kana namni Yesusiitti qabamee jiraatu waan gaarii malee waan hamaatti qabamee jiraachuu hin danda’u. “Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta'u, waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta'etti qabamaa jiraadhaa!” Rom. 12:9
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa