ROM 7:24
Gaaffii lubbuu eenyutu deebisa? Waaqayyoo jalqaba gaafa nama biyyoo irraa tolchee, isa hin bannee hafuura isa namichatti baafachuu isaatiin immoo namicha uume. Sana booda namichi lubbuu godhatee ni dhaabate. Kanaaf nama isa jalqabaa sanaaf wabiin jiraachuu isaatii lubbuu isa Haafura Waaqayyoo keessaan isaaf kennamedha. Lubbuun ishee Waaqayyoon kennamteedha. Kana malees, isa dhaga’unis boqonnaa ishee barabaraa taheefidha. Kanaaf utuu lubbuun keenya Waaqayyoon alaa qamaa biraa dhaga’u hin dandeessi (itti tola) tahe namni bakka barbaade (jireenya baraa baraas tahe, du’a barabaraa) lubbuu isaaf kennuu ni danda’a ture. Gabaabumatti gaaffii lubbuun gaafattu kamiif deebii kennuu danda’a ture. Mee asitti gaaffii tokko itti haa yaadnu. Gaaffiin lubbuu maali? lubbuun gaaffii isheen gaafattuu yeroo hundumaa walqixa nama hundumaa keessatti kan argamuu gaaffii waa’ee jireenyaati. Innis dheebuu uumashee isa jalqaba ishee kennee wajjin wal arguu, sagalee isaa dhaga’u, isa wajjin jiraachuu ykn fedhii isaa keessa jiraachuuti. Kanaaf isa kanaaf deebii ta’uuf boqonnaa dur qabdu turte sanattii ishee deebisuuf Waaqayyoo al tokkicha isa xumuraaf Kiristoosiin furii godhee nuuf kenne. Kristoos gara lafa kanaa dhufuun maalif barbaachise jettee yaadda? Wanti aduu gadii hundumtuu waan isa bitu ykn gatii isaa madaaluu ykn isa jijjiiruu qaba. Lubbuun garuu sirna gabaa aduu gadi keessatti hin ramadamu. Jechuun lubbuu wanti bituu danda’u tokko illee hin jiru. Kanaaf Kristoos gara lafa kana kan dhufee inni hangafaa gaaffii waa’ee nyaataa fi dhugaatii ykn immoo gaaffii qaala’insaa guutuuf akkasumas fedhii nama guutuuf hin dhufne. Kristoosin waaqarraa kan gadi isa buusee jechuun kristoos gaaffii inni deebisuu dhufee gaaffii lubbuuti. Lubbuun ishee waaqa ishee ykn uumaa ishee malee gammaduu , boqochuus hin dandeenyedha akkuma jenne, gaaffii lubbuu ykn immoo dhukkuba lubbu hubachuu, hubatees wal'aanuu kan danda’u isa malee eenyu illee kan biraa hin jiru. Utuu gaaffii lubbuu wanti aduu gadi ykn fedhiin dhala namaa deebisuu danda'aa ta’ee Kiristoos gad bu’un isaa hin barbaachisu ture. Akka turetti akka taha jiruttis akkasumas tahuuf jiruutti lubbuu takkaayyuu gatiin bite, bitaa jiruus, bituu danda’us biyya lafaa kana keessa hin jiru, hin jiraatus. Kanaaf egaa kristoos gaaffii eenyu illee deebisuu hin dandeenye deebisuu dhufe. Bakka eenyu illee ofii isaaf dhabbachuu hin dandeenye isaaf dhaabachuu dhufe. Fakkeenyaaf wanti aduu gadi kun hundumtuu wanta isa bituu ykn immoo isa hoogganu mata mataa isaatti qaba. Jechuun fedhiin nuti guutachuuf barbaannu harki caalaan isaa fedhii qarshii gadiiti ykn immoo fedhii qarshiin nuuf guutamuu danda’udha. Garuu fedhii lubbuu to’achuu (guutuu) kan danda’u isa ishee kenne qofadha. Kristoos waaqa isa gaaffii lubbuu keenyaaf deebii gaha taheedha. Wanta nuti ofiif hojjetachuu hin dandeenye isa nuuf hojjeteedha. Akkasumas inni isa qooda nuti ofiif bahachuu hin dandeenye sana nuuf baheedha. Fayyina lubbuu keenyaaf inni isa dhiiga isaa dhangalaasee kakuu barabaraa nuuf dhaabeedha. Gatiin lubbuu dhiiga Kiristoosi. Kanaaf fayyina LUBBUUF wabiin DHIIGA KRISTOOSIDHA. Inni gaaffiin lubbuun kee gaafattu sanaaf deebiidha. Kanaaf iyyuu Kiristoos karaa lubbuun keenya ittiin gara abbaa dhaqxu, dhugaa isheen abdachaa jiraattu, jireenya barabaraa isa hin dhumnes ittiin argattee dha. Kanaaf yeroo hundumaa gammaduu lubbuu keenyaaf inni hangafaa KRISTOOSI . ✍ Kanaaf Kristoosin isa karaa hundumaan waan hundaa siif ta’e sana ofittii hin baasin. Iddoo dhaqxu, waan gootu, wanta yaaddu fi wantoota si ilaallatan hundumaa keessaa kristoosin hin hambisin. Sababni isaas kristoos siif gahumsa lubbuun kee iddoo gahu qabdu ittiin geessee fi gahuuf jirtu waan taheef! Rom 7:24 Ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa ? ROM 7:24
Gaaffii lubbuu eenyutu deebisa? Waaqayyoo jalqaba gaafa nama biyyoo irraa tolchee, isa hin bannee hafuura isa namichatti baafachuu isaatiin immoo namicha uume. Sana booda namichi lubbuu godhatee ni dhaabate. Kanaaf nama isa jalqabaa sanaaf wabiin jiraachuu isaatii lubbuu isa Haafura Waaqayyoo keessaan isaaf kennamedha. Lubbuun ishee Waaqayyoon kennamteedha. Kana malees, isa dhaga’unis boqonnaa ishee barabaraa taheefidha.
Kanaaf utuu lubbuun keenya Waaqayyoon alaa qamaa biraa dhaga’u hin dandeessi (itti tola) tahe namni bakka barbaade (jireenya baraa baraas tahe, du’a barabaraa) lubbuu isaaf kennuu ni danda’a ture. Gabaabumatti gaaffii lubbuun gaafattu kamiif deebii kennuu danda’a ture. Mee asitti gaaffii tokko itti haa yaadnu. Gaaffiin lubbuu maali? lubbuun gaaffii isheen gaafattuu yeroo hundumaa walqixa nama hundumaa keessatti kan argamuu gaaffii waa’ee jireenyaati. Innis dheebuu uumashee isa jalqaba ishee kennee wajjin wal arguu, sagalee isaa dhaga’u, isa wajjin jiraachuu ykn fedhii isaa keessa jiraachuuti. Kanaaf isa kanaaf deebii ta’uuf boqonnaa dur qabdu turte sanattii ishee deebisuuf Waaqayyoo al tokkicha isa xumuraaf Kiristoosiin furii godhee nuuf kenne.
Kristoos gara lafa kanaa dhufuun maalif barbaachise jettee yaadda? Wanti aduu gadii hundumtuu waan isa bitu ykn gatii isaa madaaluu ykn isa jijjiiruu qaba. Lubbuun garuu sirna gabaa aduu gadi keessatti hin ramadamu. Jechuun lubbuu wanti bituu danda’u tokko illee hin jiru. Kanaaf Kristoos gara lafa kana kan dhufee inni hangafaa gaaffii waa’ee nyaataa fi dhugaatii ykn immoo gaaffii qaala’insaa guutuuf akkasumas fedhii nama guutuuf hin dhufne. Kristoosin waaqarraa kan gadi isa buusee jechuun kristoos gaaffii inni deebisuu dhufee gaaffii lubbuuti. Lubbuun ishee waaqa ishee ykn uumaa ishee malee gammaduu , boqochuus hin dandeenyedha akkuma jenne, gaaffii lubbuu ykn immoo dhukkuba lubbu hubachuu, hubatees wal'aanuu kan danda’u isa malee eenyu illee kan biraa hin jiru. Utuu gaaffii lubbuu wanti aduu gadi ykn fedhiin dhala namaa deebisuu danda'aa ta’ee Kiristoos gad bu’un isaa hin barbaachisu ture. Akka turetti akka taha jiruttis akkasumas tahuuf jiruutti lubbuu takkaayyuu gatiin bite, bitaa jiruus, bituu danda’us biyya lafaa kana keessa hin jiru, hin jiraatus.
Kanaaf egaa kristoos gaaffii eenyu illee deebisuu hin dandeenye deebisuu dhufe. Bakka eenyu illee ofii isaaf dhabbachuu hin dandeenye isaaf dhaabachuu dhufe. Fakkeenyaaf wanti aduu gadi kun hundumtuu wanta isa bituu ykn immoo isa hoogganu mata mataa isaatti qaba. Jechuun fedhiin nuti guutachuuf barbaannu harki caalaan isaa fedhii qarshii gadiiti ykn immoo fedhii qarshiin nuuf guutamuu danda’udha. Garuu fedhii lubbuu to’achuu (guutuu) kan danda’u isa ishee kenne qofadha. Kristoos waaqa isa gaaffii lubbuu keenyaaf deebii gaha taheedha. Wanta nuti ofiif hojjetachuu hin dandeenye isa nuuf hojjeteedha. Akkasumas inni isa qooda nuti ofiif bahachuu hin dandeenye sana nuuf baheedha.
Fayyina lubbuu keenyaaf inni isa dhiiga isaa dhangalaasee kakuu barabaraa nuuf dhaabeedha. Gatiin lubbuu dhiiga Kiristoosi. Kanaaf fayyina LUBBUUF wabiin DHIIGA KRISTOOSIDHA. Inni gaaffiin lubbuun kee gaafattu sanaaf deebiidha. Kanaaf iyyuu Kiristoos karaa lubbuun keenya ittiin gara abbaa dhaqxu, dhugaa isheen abdachaa jiraattu, jireenya barabaraa isa hin dhumnes ittiin argattee dha. Kanaaf yeroo hundumaa gammaduu lubbuu keenyaaf inni hangafaa KRISTOOSI .
✍ Kanaaf Kristoosin isa karaa hundumaan waan hundaa siif ta’e sana ofittii hin baasin. Iddoo dhaqxu, waan gootu, wanta yaaddu fi wantoota si ilaallatan hundumaa keessaa kristoosin hin hambisin. Sababni isaas kristoos siif gahumsa lubbuun kee iddoo gahu qabdu ittiin geessee fi gahuuf jirtu waan taheef!
Rom 7:24 Ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa ?
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa