ISA 55:8-9
YAADA WAAQAYYOOTTI GALI! R. Isa 55:8-9 Rakkinni keenya inni guddaan yaada Waaqayyootti galuu caalaa, Waaqayyoon yaada ofii keenyaatti galchuuf yaaluudha. Dhugaan jiru garuu: Waaqayyo tasumaa raawwatee yaada namaa keessa Kan hin galledha, namni yaada isaatti akka galu barbaada malee. R. Isa 55:1 Yoo ilaallu, Sabni Isiraa'el fayyinaaf karaa garaa garaa kan barbaadan, kallattii isaas argachuu dhabanii akkasumaan kan dadhaban, Yeroo Waaqayyo gooftaan maccaa gara fayyinaatti isaan waamu argina. Waaqayyo Saba kana gara fayyinaatti gaafa waamu akkana ittiin jedha ture: ✓ Warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! ✓ Warri horii hin qabnes kottaa, Midhaan bitadhaatii nyaadhaa! ✓ Utuu horii itti hin baasiin daadhii wayinii fi aannan bitadhaa! ✓Wanta buddeena hin ta'initti maaliif horii keessan baaftu? ✓Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? ✓Dubbii koo dhaga'aa, wanta gaarii ta'e in nyaattu, nyaata gaariittis in gammaddu, gara koo kottaa! ✓Gurra keessan gara kootti qabaa, akka jiraattaniifis dubbii koo dhaga'aa! ✓Ani kakuu bara baraa isiniif nan gala, innis amanamummaa koo isa dhaabataa isan Daawitiin abdachiise dha. Waamichi kun hundinuu Waaqayyoon biraa Saba Isiraa'eliif godhame. Waaqayyos Kan inni barbaadu ture karoora fayyinaa inni isaaniif qopheessetti akka galaniidha. Har'as taanaan Waaqayyo namni hundinuu yaada isaatti akka galu, karoora fi sagantaa inni qopheesse keessas akka jiraatu barbaada. Waaqayyo yaada gaarii nuuf qaba. kanaaf immoo yaada isaatti galuu qabna. Bu'aan isaas gaarii inni nuuf yaadu bira gahuu nu dandeessisa. ✍?Yaada Waaqayyootti galuu jechuun sagantaa fi karoorri isaa jireenya ofii irratti akka raawwatu heyyamuu jechuudha. Yaada Waaqayyoo keessa immoo: ✓ Ulfina ✓ Guddina ✓ Jireenya ✓ Milkaa'insatu jira. YAADA WAAQAYYO NUUF QABU YAADA AKKAMIITI? 1. Yaada jireenyaati. Far 37:18 2. Yaada nagaa fi yaada Isa gara fuula duraatti waan abdachiise raawwachuuti. Erm 29:11 YAADA WAAQAYYOOTTI GALUUN MAALIIF BARBAACHISE? 1. Wanti hundinuu akka akeekaa fi fedha Waaqayyootti ta'a waan ta'eef. Efe 1:11 2. Yeroo kamiyyuu Isa Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata waan ta'eef. Fakk. 19:21 3. Waaqayyo waan godhu hundumaaf yeroo mataa isaa qaba waan ta'eef. Lallaba 3:1-11 ?Walumaa galatti Yaada Waaqayyootti galuun obsaan yeroo Waaqayyoo eeggachuu nu dandeessisa. Iddoo Waaqayyo nu kaa'e teenyee yaada isaa eeguu yoo dadhabne garuu jireenya dhamaatii qofa qabu kan milkaayinsa hin qabneen wal'aansoo qabaa jiraanna. Yaada Waaqayyootti yoo galle garuu jireenya gammachuun guute Kan badhaadhummaa bara baraa of keessaa qabu miyeeffachaa jiraanna. Akkasuma illee yaada Waaqayyootti gaafa gallu Yeroo hundumaa waan qabatamaa of harkaa hin qabnu yoo ta'eyyuu Abdii guddaa ta'een guutamaa jiraanna. Yaada isaatti gallee akka jiraannuuf Waaqayyo ayyaana isaa nuuf haa baay'isu! ISA 55:8-9
YAADA WAAQAYYOOTTI GALI! R. Isa 55:8-9 Rakkinni keenya inni guddaan yaada Waaqayyootti galuu caalaa, Waaqayyoon yaada ofii keenyaatti galchuuf yaaluudha. Dhugaan jiru garuu: Waaqayyo tasumaa raawwatee yaada namaa keessa Kan hin galledha, namni yaada isaatti akka galu barbaada malee.
R. Isa 55:1 Yoo ilaallu, Sabni Isiraa'el fayyinaaf karaa garaa garaa kan barbaadan, kallattii isaas argachuu dhabanii akkasumaan kan dadhaban, Yeroo Waaqayyo gooftaan maccaa gara fayyinaatti isaan waamu argina. Waaqayyo Saba kana gara fayyinaatti gaafa waamu akkana ittiin jedha ture: ✓ Warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! ✓ Warri horii hin qabnes kottaa, Midhaan bitadhaatii nyaadhaa! ✓ Utuu horii itti hin baasiin daadhii wayinii fi aannan bitadhaa! ✓Wanta buddeena hin ta'initti maaliif horii keessan baaftu? ✓Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? ✓Dubbii koo dhaga'aa, wanta gaarii ta'e in nyaattu, nyaata gaariittis in gammaddu, gara koo kottaa! ✓Gurra keessan gara kootti qabaa, akka jiraattaniifis dubbii koo dhaga'aa! ✓Ani kakuu bara baraa isiniif nan gala, innis amanamummaa koo isa dhaabataa isan Daawitiin abdachiise dha.
Waamichi kun hundinuu Waaqayyoon biraa Saba Isiraa'eliif godhame. Waaqayyos Kan inni barbaadu ture karoora fayyinaa inni isaaniif qopheessetti akka galaniidha. Har'as taanaan Waaqayyo namni hundinuu yaada isaatti akka galu, karoora fi sagantaa inni qopheesse keessas akka jiraatu barbaada. Waaqayyo yaada gaarii nuuf qaba. kanaaf immoo yaada isaatti galuu qabna. Bu'aan isaas gaarii inni nuuf yaadu bira gahuu nu dandeessisa. ✍?Yaada Waaqayyootti galuu jechuun sagantaa fi karoorri isaa jireenya ofii irratti akka raawwatu heyyamuu jechuudha. Yaada Waaqayyoo keessa immoo: ✓ Ulfina ✓ Guddina ✓ Jireenya ✓ Milkaa'insatu jira. YAADA WAAQAYYO NUUF QABU YAADA AKKAMIITI? 1. Yaada jireenyaati. Far 37:18 2. Yaada nagaa fi yaada Isa gara fuula duraatti waan abdachiise raawwachuuti. Erm 29:11 YAADA WAAQAYYOOTTI GALUUN MAALIIF BARBAACHISE? 1. Wanti hundinuu akka akeekaa fi fedha Waaqayyootti ta'a waan ta'eef. Efe 1:11 2. Yeroo kamiyyuu Isa Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata waan ta'eef. Fakk. 19:21 3. Waaqayyo waan godhu hundumaaf yeroo mataa isaa qaba waan ta'eef. Lallaba 3:1-11
?Walumaa galatti Yaada Waaqayyootti galuun obsaan yeroo Waaqayyoo eeggachuu nu dandeessisa. Iddoo Waaqayyo nu kaa'e teenyee yaada isaa eeguu yoo dadhabne garuu jireenya dhamaatii qofa qabu kan milkaayinsa hin qabneen wal'aansoo qabaa jiraanna. Yaada Waaqayyootti yoo galle garuu jireenya gammachuun guute Kan badhaadhummaa bara baraa of keessaa qabu miyeeffachaa jiraanna. Akkasuma illee yaada Waaqayyootti gaafa gallu Yeroo hundumaa waan qabatamaa of harkaa hin qabnu yoo ta'eyyuu Abdii guddaa ta'een guutamaa jiraanna. Yaada isaatti gallee akka jiraannuuf Waaqayyo ayyaana isaa nuuf haa baay'isu!
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa