GAL 5:1
BIRMADUMMAA KEE EEGGADHU! ✍?Birmadummaa dura taateen birmadummaaf sababa ta’uu garbummaadha. Garbummaa keessatti qaama lama argina:- ○ Isa bituu fi ○ Isa bitamuu Kana jechuun: akkuma inni bitamu jiruu wanti inni bitamuufis jiraachuu mala. Akkuma kana nutis taatee amma keessa jirruu dura isa biyya lafaa kana seerrataa tureef garboota turre. Warra akka yaada biyya lafaatiin ykn aduu gadiitiin tikfaman turre. Waaqayyo garuu Kristoosin kennaa guutuu godhee nuuf laachuu isaatiin yaada foonii jalaa, yaada “Hafuuraa” keessa nu jiraachise. Birmadummaan Waaqayyo nuuf laate birmadummaa wanti kam illee nuuf kennuu hin dandeenye birmadummaa aduu garasiiti. Innis birmadummaa isa ittin fedha Waaqayyoo keessa jiraanneedha. Dur waan fedhi foonii keenya nu abboomeen cubbuuf hojjetaa turre. Amma garuu birmaduu bahun fedha Waaqayyoof warra jiraatan taane. Birmadummaan nuti arganne birmadummaa isa ittiin yaada foonii fiixa baafnu otoo hin taane birmadummaa isa ittiin yaada Waaqayyoo jiraannuu dha. Sababni isaas namni iddoo jirutti hin waamamu waan ta’ef. Kana gaafa jennuu siluma iyyuu utuu hin waamamin dura garba cubbuu ta’uu keenyaan fedha isaa fi yaada isaa jiraachisaa waan turreefi. kanaaf ani birmaduu dha jennee fedha foonii jala jiraachuun of gowwomsuudha. Egaa nuti harra karaa “Kristoos” birmaduudha. Birmadummaan keenya Kristoos irra in dhaabbata(Kristoosiin giddu-galeeffata). Birmadummaa keenya eegachuun garuu ga’ee keenya. Kanaaf birmadummaa arganne kana hin eegannu taanaan deebinee lafa kaleessa turrettii deebi’uun murtaa’adha. Kanaa manna:- ○ wanta Waaqayyo nuuf yaadee ofiif yaaduun ○ wanta Waaqayyo keessatti nu barbaade sana keessatti of barbaaduun, birmadummaa arganne keessa jiraachuuf sababaadha. Kanaaf Macaafni Qulqulluun kan nu barsiisu isa akka itti jiraannuuf waamamne sanatti akka jiraannuufi, deebinees bakka keenya kaleessatti akka hin deebineefi, birmadummaa keenya sana akka eeegannu nutti dubbata. ? Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa! Gal .5:1 @focus_wku_new_chanel @focus_wku_new_chanel @focus_wku_new_chanel FOCUS WKU 2016 GAL 5:1
BIRMADUMMAA KEE EEGGADHU! ✍?Birmadummaa dura taateen birmadummaaf sababa ta’uu garbummaadha.
Garbummaa keessatti qaama lama argina:- ○ Isa bituu fi ○ Isa bitamuu Kana jechuun: akkuma inni bitamu jiruu wanti inni bitamuufis jiraachuu mala. Akkuma kana nutis taatee amma keessa jirruu dura isa biyya lafaa kana seerrataa tureef garboota turre. Warra akka yaada biyya lafaatiin ykn aduu gadiitiin tikfaman turre. Waaqayyo garuu Kristoosin kennaa guutuu godhee nuuf laachuu isaatiin yaada foonii jalaa, yaada “Hafuuraa” keessa nu jiraachise.
Birmadummaan Waaqayyo nuuf laate birmadummaa wanti kam illee nuuf kennuu hin dandeenye birmadummaa aduu garasiiti. Innis birmadummaa isa ittin fedha Waaqayyoo keessa jiraanneedha.
Dur waan fedhi foonii keenya nu abboomeen cubbuuf hojjetaa turre. Amma garuu birmaduu bahun fedha Waaqayyoof warra jiraatan taane. Birmadummaan nuti arganne birmadummaa isa ittiin yaada foonii fiixa baafnu otoo hin taane birmadummaa isa ittiin yaada Waaqayyoo jiraannuu dha. Sababni isaas namni iddoo jirutti hin waamamu waan ta’ef. Kana gaafa jennuu siluma iyyuu utuu hin waamamin dura garba cubbuu ta’uu keenyaan fedha isaa fi yaada isaa jiraachisaa waan turreefi. kanaaf ani birmaduu dha jennee fedha foonii jala jiraachuun of gowwomsuudha.
Egaa nuti harra karaa “Kristoos” birmaduudha. Birmadummaan keenya Kristoos irra in dhaabbata(Kristoosiin giddu-galeeffata). Birmadummaa keenya eegachuun garuu ga’ee keenya. Kanaaf birmadummaa arganne kana hin eegannu taanaan deebinee lafa kaleessa turrettii deebi’uun murtaa’adha. Kanaa manna:- ○ wanta Waaqayyo nuuf yaadee ofiif yaaduun ○ wanta Waaqayyo keessatti nu barbaade sana keessatti of barbaaduun, birmadummaa arganne keessa jiraachuuf sababaadha. Kanaaf Macaafni Qulqulluun kan nu barsiisu isa akka itti jiraannuuf waamamne sanatti akka jiraannuufi, deebinees bakka keenya kaleessatti akka hin deebineefi, birmadummaa keenya sana akka eeegannu nutti dubbata.
? Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa! Gal .5:1
@focus_wku_new_chanel @focus_wku_new_chanel @focus_wku_new_chanel
FOCUS WKU 2016
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa