“Waaqayyoo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee,haa baduuf miti!
Kristoos gaafa gara biyya lafaa kana dhufe nama jireenya keessaa bade jireenyatti deebisuuf dhufe. Inni kun garuu carraaadhaan osoo hin taane itti yaadamee akeeka Waaqayyootiin kan raawwatedha. Sababni isaas carraa gaafa jennu wanta akka tasaa osoo nama sanaaf hin yaadamin waanuma isa qaqqabe qofaaf isaaf kennamuudha. Inni Waaqayyo nuuf kenne garuu kan nama hundumaati. Isa irra bu’e qofaaf utuu hin taane biyya lafaa guutummaafidha.
Kanaaf ati waan siif kenname dhiiftee carraa jireenyaa hin taaneef jiraataa jirtaa laata? Ilaalcha kee waan siif hin kennamne ykn waan kan kee hin taane irraa kaasi, gara guutummaa waamicha isa Waaqayyo siif godheetti jireenya kee qopheesi, har’a biyyi lafaa wanta du’aa baatee adeemutti wal adeemsisaa jira. Sababni isaas wanti isheen siif arjoomuu dandeessuu sana qofa ykn wanti biyyi lafaa siif laachuu dandeessuu waanuma ishee keessaatti qofa argamuudha waan ta'eefI. Garuu inni Waaqayyo itti si waame waamicha du’a garasiiti. Waaqayyoo Kristoosin kan laate siifi. Kennaan Waaqayyoo al-tokkoof isa xumuraa itti quufee ykn guutummaatti jaal’atee siif kenne Kristoos Yesuusidha. Waaqayyo Kristoosiin kan inni siif laateef; wanta biyyi lafaa yeroo muraasaaf sii kennuu danda’u siif haa kennnuuf utuu hin taanee gammachuu:
haala irra darbe,
argachuu irra darbe,
dhabuu irras darbe gammachuu bara baraa akka qabaattuufi.
Egaa ati immoo dammaqi, waan argachuufis ta'e dhabuuf hin beekne ,yoo argattes jireenya siif hin taane keessaa bahi. Waaqayyoo inni gaarummaan guutuu karaa Kristoos ofii isaa si barsiisuuf gara ofii isaatti si guddisuuf jireenya barabaraa keessaa qooda si qabaachisuuf si waamera. Kanaafuu jireenya qabaachuun kee waamicha Waaqayyoo siif godhe sanatti of waamuu keedhaaani malee ,carraa biyya lafaa irraa eeggattu sanaan miti.
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa