Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu. hundinuus wal in qixxaataaf. Far 1:3
Akkuma Kutaa kana irratti arginu Namni qajeelaan inni akka muka bishaan yaa'aa qarqaraa dhaabameeti.
Mukti laga qarqara jiru: -
Madda bishaanii itti fufiinsa qabu qaba.
hidda isaas gara bishaaniitti waan yaafatuuf ho'i yommuu dhufu, caamsaanis isa hin yaaddessu.
Yeroo hunda lalisa.
Yeroo yeroottis ija in godhata. Erm. 17:8
Sababiin isaas yeroo hunda ija godhachuusaatiif waan isa barbaachisu argachaa jira waan ta'eef.
Akkuma kana namni qajeelaas Yesuusiitti qabame waan jiruuf inni immoo akkanni ija godhatuuf isa gargaara. Iji inni godhatus ija hojii hafuuraaati (Gal. 5:22-23).
Namni qajeelaan:
Amanannaan isaa Waaqayyoon qofaadha.
Waaqayyo duwwaattis of kenna. Erm.17:7
Iji waaqayyoos gara isaa in ilaala, akkuma kanallee gara isaas in dhaggeefata(Far 34:15).
Namni qajeelaan akka gorsa warra jallootaatti hin deddeebi’u, karaa isaanii irras hin ejjetu. Akkasumas isaanii wajjin tarree kan hin teenye waan ta'eef gammachuu qaba(Farf.1:1). Kan isa gammachiisus Dubbii waaqayyooti; kanaaf waa'ee isaa halkanii fi guyyaa yaada(Farf.1:2).
Namni Sagalee waaqayyoo halkanii fi guyyaa yaadu dhugumaan gammachuu qaba. Sagalee inni halkanii fi guyyaa yaadummoo waa'ee Yesuusiidha.
Akkuma mukti qarqara bishaanii jiru waktiin jijjiramuun isa hin yaadessine nutis warri Yesuusiitti amanuudhaan qajeelota taane waa’ee haalootaa yaadda'uu dhiifnee isa jireenya nuuf ta'e waa'ee Yesuusiin qofa yaadu qabna.
Far. 1:1-3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Namni akka gorsa warra jal'ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra adeeman irra kan hin ejjenne, warra ga'isanii wajjinis tarree kan hin teenye gammachuu qaba!
² Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waa'ee seera Waaqayyoo in yaada.
³ Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa