YOH 15:7
? Waan Kadhatan Argachuu ? Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as. — Yohaanis 15:7 ➡️Kiristaanummaa keessatti kadhannaan ✔️Kallattiidhaan Waaqayyoo wajjin wal qunnamuudha. Cubbuu himachuu, galateeffachuu fi gaaffii gaafachuu of keessaa qaba. ✔️Shaakala hafuuraa amantoonni amantii isaanii ittiin ibsan, qajeelfama ittiin barbaadanii fi Waaqa wajjin walitti dhufeenya itti horataniidha. Namni kamuu Waaqayyoon kadhatee waan kadhate sanaaf immoo deebi barbaada. ? Mat. 7:7 “Yesus itti fufee, "Kadhadhaa isiniif in kennamaa,barbaadaa in argattu, balbala rukutaa isiniif in banama.” jedha. Kanaaf namni hunduu Waaqayyo irraa argachuuf, rakkina ooluf hin kadhata. Kan balballi itti cufames akka banamuuf kadhataan balballicha rurrukuta. Kana qofaa miti kadhanni:- ✔️Erm. 33:3 Inni, "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.” jedha. Waan beekumsa, dandeettii fi ogummaa keenyaan qorree bira ga'uu hin dandeenyefillee kadhanni furmaata. ✔️ Luq. 22:40. "Qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!" jedha. ✔️ Yaq. 1:5. “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.” jedha. Nama isa kadhate hundumaaf harki Waaqayyoo kennuuf guutu akka ta'e dubbata. ? walumaagalatti kadhanni furmaata waan hundaati. Kanaaf waan kadhattan argachuuf:- 1️⃣ Isatti qabachuu (Abide to him ) Yoh. 15:7. "Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan hin kadhattu, isiniif hin ta'as." Jedha. Wantoota biyya lafaa hunduumaa dhiifnee, yaada keenya guutudhaan duraan dursinee Waaqayyoon barbaadudha. ? Mat. 6:6 immoo akkas jedha “Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna." Jedha. Akka guutummaan guututti waaqayyotti qabachuun isiniif ta'utti; balbala ykn karaa seexanni kana goote sana goote jechuun si hadheessee waaqayyo irraa adda si baasu ykn yaada waaqayyoo keessaa si baasu sana cufuudha. 2️⃣ Dubbii isaatiin guutamuu (Filled with his word). Yoh. 15:7. "Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan hin kadhattu, isiniif hin ta'as." Ergaa Efesoon irrattis immoo "Dubbiin Waaqayoo akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu" jedha. ? Kanaaf yeroo kadhannu dubbii waaqayyoo isa waan gaarii hundumaan badhaadhaa ta'e sanaan guutamuu qabna. Waaqayyo Iyyaasuun saba isaa akka gaggeessu gaafa barbaade. Akkas jedhe Iya. 1:8 "Macaafni seera kun afaan kee keessaa hin dhabamin, ganamas galgala waa'ee isaa yaadi!..." Kanaaf dubbii waaqayyootin guutamuu gaafa jennu. Kan nuti dubbannu, kan nuti dhaggeefannu, fi kan nuti yaannu dubbicha qofa jechuudha. Waa'ee dubbichaa irra deddeebinee yaadu dha. Walumaagalatti yeroo kadhannu fi waan kadhanne argachuuf. ➡️ Nuti damoonni isaa akka ta'utti qawwa seexanni ittiin nu hadheessu cufuudhan akkasumas, biyya lafaa irraa ija keenya kaasudhaan jirmicha ykn gooftaa keenyatti maxxanuu qabna. ➡️ Dubbii afaan keenyaatin qofa osoo hin taane, yaada keenyaan, qalbii keenyaan fi dhageetti keenyaan dubbichaan guutamuun gaafa kadhannuu , waan kadhannu hunda arganna. FOCUS WKU 2016 YOH 15:7
? Waan Kadhatan Argachuu ?
Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as. — Yohaanis 15:7
➡️Kiristaanummaa keessatti kadhannaan ✔️Kallattiidhaan Waaqayyoo wajjin wal qunnamuudha. Cubbuu himachuu, galateeffachuu fi gaaffii gaafachuu of keessaa qaba. ✔️Shaakala hafuuraa amantoonni amantii isaanii ittiin ibsan, qajeelfama ittiin barbaadanii fi Waaqa wajjin walitti dhufeenya itti horataniidha.
Namni kamuu Waaqayyoon kadhatee waan kadhate sanaaf immoo deebi barbaada. ? Mat. 7:7 “Yesus itti fufee, "Kadhadhaa isiniif in kennamaa,barbaadaa in argattu, balbala rukutaa isiniif in banama.” jedha. Kanaaf namni hunduu Waaqayyo irraa argachuuf, rakkina ooluf hin kadhata. Kan balballi itti cufames akka banamuuf kadhataan balballicha rurrukuta.
Kana qofaa miti kadhanni:- ✔️Erm. 33:3 Inni, "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.” jedha. Waan beekumsa, dandeettii fi ogummaa keenyaan qorree bira ga'uu hin dandeenyefillee kadhanni furmaata. ✔️ Luq. 22:40. "Qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!" jedha. ✔️ Yaq. 1:5. “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.” jedha. Nama isa kadhate hundumaaf harki Waaqayyoo kennuuf guutu akka ta'e dubbata.
? walumaagalatti kadhanni furmaata waan hundaati.
Kanaaf waan kadhattan argachuuf:-
1️⃣ Isatti qabachuu (Abide to him ) Yoh. 15:7. "Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan hin kadhattu, isiniif hin ta'as." Jedha. Wantoota biyya lafaa hunduumaa dhiifnee, yaada keenya guutudhaan duraan dursinee Waaqayyoon barbaadudha.
? Mat. 6:6 immoo akkas jedha “Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna." Jedha. Akka guutummaan guututti waaqayyotti qabachuun isiniif ta'utti; balbala ykn karaa seexanni kana goote sana goote jechuun si hadheessee waaqayyo irraa adda si baasu ykn yaada waaqayyoo keessaa si baasu sana cufuudha.
2️⃣ Dubbii isaatiin guutamuu (Filled with his word).
Yoh. 15:7. "Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan hin kadhattu, isiniif hin ta'as." Ergaa Efesoon irrattis immoo "Dubbiin Waaqayoo akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu" jedha. ? Kanaaf yeroo kadhannu dubbii waaqayyoo isa waan gaarii hundumaan badhaadhaa ta'e sanaan guutamuu qabna.
Waaqayyo Iyyaasuun saba isaa akka gaggeessu gaafa barbaade. Akkas jedhe Iya. 1:8 "Macaafni seera kun afaan kee keessaa hin dhabamin, ganamas galgala waa'ee isaa yaadi!..." Kanaaf dubbii waaqayyootin guutamuu gaafa jennu. Kan nuti dubbannu, kan nuti dhaggeefannu, fi kan nuti yaannu dubbicha qofa jechuudha. Waa'ee dubbichaa irra deddeebinee yaadu dha.
Walumaagalatti yeroo kadhannu fi waan kadhanne argachuuf. ➡️ Nuti damoonni isaa akka ta'utti qawwa seexanni ittiin nu hadheessu cufuudhan akkasumas, biyya lafaa irraa ija keenya kaasudhaan jirmicha ykn gooftaa keenyatti maxxanuu qabna. ➡️ Dubbii afaan keenyaatin qofa osoo hin taane, yaada keenyaan, qalbii keenyaan fi dhageetti keenyaan dubbichaan guutamuun gaafa kadhannuu , waan kadhannu hunda arganna.
FOCUS WKU 2016
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa