1YOH 3:17-18
● ● ● ANIS OBBOLEESSA KEETI ● ●● Guyyaa tokko hiyyeessa tokkotu nyaata kadhachuuf mana sooressaa dhaqe. ? Abbaan manichaas, namicha nyaata kadhaa dhufe mana jala teessisee nyaata irraa hafaa/over left/ fidee kenneef. Nyaaticha erga kenneefii booda kadhatichaan, "Mee haa kadhannu, erga kadhannee booda nyaatta" jedheen. Abbaan manaas, "Abbaa keenyaa Waaqarra kan jiraattu" jedhee kadhata eegale. Hiyyeessichi ammoo jalaa qabuun, "Waaqayyo abbaa isaa Waaqarra kan jiraattu" jedhe. Yoona, namichi aaree "Waaqayyo abbaa keenyaa" jedhi jedheen. Hiyyeessichi didee akkuma duraa "Waaqayyo abbaa isaa Waaqarra kan jiraattu" jedhee kadhate. Sana booda maaliif akka inni jedhetti "Waaqayyo abbaa keenyaa" jedhee kadhachuu akka dide aariin gaafata. ? Hiyyeessichis deebisee, "Yoon Waaqayyo abbaa keenyaa jedhee kadhadhe, aniifi ati obbolaa taana. Utuu obbolaa taanee ati mana jalatti nyaata harca'aa naaf hin kennitu. Anis sii wajjinan maaddii kee irraan nyaadha ture. Haala amma ati ittiin na keessummeessiteen immoo nuti ilmaan abbaa tokkoo ta'uu hin dandeenyu" jedheen jedhama. ? Sooressichis barumsa guddaa barate. Innis Waaqayyo abbaa keenya ta'uu kan danda'u nama hundumaa akka obboleessaa fi obboleettiitti yoo ilaallee gargaarreedha kan jedhu hubate. ? Sagaleen waaqayyoos akkas jedha " Namni biyya lafaa kana irratti waan ittin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree ? Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa ! " Jedha. 1Yoh. 3:17-18 ? Karaa hundumaan fakkeenya gaarii kan nuuf ta'u gooftaa keenya yesuusidha. Innimmoo jireenyasaa guutuu ulfina isaaf utuu hin taane nuuf jiraatee. Nus isarraa akkuma barannetti deddeebii keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa dhuunfaa keenyaaf utuu hin taane obboloota keenyaaf jiraachuu qabna. ?Namootatti yeroo dhiyaannus:- ○ Maal na gargaara ? Jechuu utuu hin ta'iin, ○ maalin Isa/ ishee garagaara ? Jechuudhaan akka waliif jiraannuuf Ayyaanni waaqayyoo nuuf haa baay'atu !! AMEEN ? FOCUS WKU 2016 1YOH 3:17-18
● ● ● ANIS OBBOLEESSA KEETI ● ●● Guyyaa tokko hiyyeessa tokkotu nyaata kadhachuuf mana sooressaa dhaqe.
? Abbaan manichaas, namicha nyaata kadhaa dhufe mana jala teessisee nyaata irraa hafaa/over left/ fidee kenneef. Nyaaticha erga kenneefii booda kadhatichaan, "Mee haa kadhannu, erga kadhannee booda nyaatta" jedheen. Abbaan manaas, "Abbaa keenyaa Waaqarra kan jiraattu" jedhee kadhata eegale. Hiyyeessichi ammoo jalaa qabuun, "Waaqayyo abbaa isaa Waaqarra kan jiraattu" jedhe. Yoona, namichi aaree "Waaqayyo abbaa keenyaa" jedhi jedheen. Hiyyeessichi didee akkuma duraa "Waaqayyo abbaa isaa Waaqarra kan jiraattu" jedhee kadhate.
Sana booda maaliif akka inni jedhetti "Waaqayyo abbaa keenyaa" jedhee kadhachuu akka dide aariin gaafata.
? Hiyyeessichis deebisee, "Yoon Waaqayyo abbaa keenyaa jedhee kadhadhe, aniifi ati obbolaa taana. Utuu obbolaa taanee ati mana jalatti nyaata harca'aa naaf hin kennitu. Anis sii wajjinan maaddii kee irraan nyaadha ture. Haala amma ati ittiin na keessummeessiteen immoo nuti ilmaan abbaa tokkoo ta'uu hin dandeenyu" jedheen jedhama.
? Sooressichis barumsa guddaa barate. Innis Waaqayyo abbaa keenya ta'uu kan danda'u nama hundumaa akka obboleessaa fi obboleettiitti yoo ilaallee gargaarreedha kan jedhu hubate.
? Sagaleen waaqayyoos akkas jedha " Namni biyya lafaa kana irratti waan ittin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree ? Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa ! " Jedha. 1Yoh. 3:17-18
? Karaa hundumaan fakkeenya gaarii kan nuuf ta'u gooftaa keenya yesuusidha. Innimmoo jireenyasaa guutuu ulfina isaaf utuu hin taane nuuf jiraatee. Nus isarraa akkuma barannetti deddeebii keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa dhuunfaa keenyaaf utuu hin taane obboloota keenyaaf jiraachuu qabna.
?Namootatti yeroo dhiyaannus:- ○ Maal na gargaara ? Jechuu utuu hin ta'iin, ○ maalin Isa/ ishee garagaara ? Jechuudhaan akka waliif jiraannuuf Ayyaanni waaqayyoo nuuf haa baay'atu !! AMEEN ?
FOCUS WKU 2016
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa