✅✅TOKKICHA GIDDUU DHAABATEE JIRU (ONE MEDIATOR)✅✅
“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.” 1Xim. 2:5
✍️Waaqayyo sadan tokko(Abbaa, Ilma fi Hafuura Qulqulluu) gaafa akkas jennu Waaqayyo sadii osoo hin taane Waaqayyoo tokkodha.
✍️Akkuma 1:Xim.2:5 irratti dubbatu namaa fi Waaqayyo gidduu dhaabbatee kan walitti fidus tokkicha. Inni immoo Kiristos Yesus isa nama ta’ee dhalatedha.
?Namaa fi Waaaqayyoon walitti fiduuf Waaqa guutuu fi nama guutuu ta’uun dirqamadha.
✔️ Gooftaa Yesus barabaraa kaasee Waaqayyo ture(Yoh.1:1).
✔️Yeroo booda immoo foon uffachuudhaan nama ta’e(Yoh.1:14).
✔️Akka namaatti gaafa lafa irra jiraachaa turettis; Inni Waaqayyo ture(1Xim.3:16).
✔️Du’aa ka’uu booddes inni nama guutuu fi Waaqayyoo dha(Hoj.Erg.7:56, Yoh.20:28).
?Kanaaf tokkichi Waaqayyoo fi nama gidduu dhaabbachuu kan danda’u YESUS isa nama ta’ee dhalate qofadha.
?Yesuusiin ala karaan gara abbaatti geessu hin jiru.
?Yesuus ofii isaatii Yoh.14:6 irratti “...anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” Jedhee dubbateera.
? Karaa namaa Waaqayyootti dhiyaachuu yaaduun yaada baay’ee dogongoraa fi Macaafa Qulqulluudhaan mormudha.Sababni isaa karaa nama foonii Waaqayyootti dhiyaachuun hin danda’amu; nama sanaafiyyuu kan gidduu dhaabbatu in barbaachisa.
?Yesus gara abbaatti nu dhiyeessuuf cubbuu keenyaaf itti adabamee, qajeelummaa isaa nuuf kenne fuula Waaqayyootti akka dhiyaannu nu godhe.
?Egaa akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu nuuf Waaqayyoon kan walitti fiduu danda’u karaan tokkichi YESUS qofa.
?Karaa Kanaan kan ol-galu jireenya barabaraa qaba. Nama karaa kanarra jiruuf gatiin isaa irraa kaffalame xumurameeera.
✅Atis yaa nama barreeffama kana dubbisaa jirtuu dhaamsa tokkon siif qaba. Yoo karaa kana irra jirta ta’eef baga gammadde ati jireenya barabaraa qabda. Garuu yoo karaa isa sirrii Yesusiin dhiistee karaa namaa Waaqayyootti dhiyaachuu yaadaa jirta ta’eef; amma qalbii kee jijjiiradhuutii gara karaa isa tokkicha kanatti deebi’i. Inni harka bal’isee si eegaa jira.
? Kan sirraa eegamu Yesuusiin fayyisaakee gootee fudhachuudha.
KAN ISATTI AMANU JIREENYA BARABARAA QABA.
✅✅YESUS SI JAALLATA.!!!✅✅
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa