Dur namni tokko hiriyyaa isaa irraa qarshi 50 liqeeffate.
Guyyoonni hedduun darbanii, abbaan liqii maallaqa kana hiriyyaa isaa liqii maallaqa sana akka deebisu yeroo isa gaafatu, liqii homaa akka isa irraa hin liqeeffanne haale. Abbaan liqii sun gara abbaa murtii ogeessa fi beekaa ta’etti dhaqee waan isaa fi hiriyyaa isaa gidduutti ta’e itti hime.
"Naman akka ani qarshi kana liqeeffadhe argee ragaa ba'uuf ha fidu ani hin liqeeffanne" jedheen.
Abbaan murtii nama liqii kenne sana waaʼee ragaa yommuu gaafatu, akka inni nama hin qaanofneef qarshii sana dhoksaan akka isaaf kenne dubbate. Sana booda abbaan murtii nama liqii kenne bakka inni qarshii itti kenne dhaqee biyyee harka isaan hammmaare akka fidu ajaje!
Abbaan liqii deemee yeroo dheeraaf hin turre, Abbaan murtii nama liqiin irra jiru sana akkas jedhee gaafate:
"Hiriyaan kee bakka sana waan gaʼe sitti fakkaataa?" Innis osoo hin yaadin dafee deebiseef: "Lakki bakki sun baay’ee fagoodha." jedheen.
Sana booda abbaan murtii loltoonni sobduu kana akka isaan qaban ajajee akkana jedhee gaafate:
"Bakki sun fagoo akka ta’e akkamitti beekte?" jedheen.
Namni liqiin irra jiru sun sobni isaa waan saaxilameef abbaa murtiif deebii kennuu hin dandeenye. Abbaan murtii sobduun kun hiriyyaa isaaf maallaqa inni irraa liqeeffate dachaa kudhan (qarshii 500) akka kaffalu ajaje, kunis nama gowwoomsaa kamiifuu biyya san keessatti fakkeenya ta’a.
Nama gowwoomsuun yoo milkoofte, namni sun waan siif gowwoome sitti hin fakkaatin.
○ amanamummaa nama sana agarsiisa,
○ kana biraa nama gowwomsuu keen Waaqayyoon gaddisiista.
Kanaaf jireenya keenya keessatti namaaf amanama ta'uun baay'ee barbaachisaa fi mataa keenya fayyada, akkasumaa nama gowwomsuun kan inni midhuus mataa keenya, badiisa nutti fida. Macaafni Qulqulluunis kan nu gorsu isuma kana.
“balleessaa dhabuun warra qajeelotaa isaanuma in geggeessa; micciiramummaan warra hin amanamnee garuu, isaanuma in balleessa.”
Fak. 11:3
Gaaffiif Yaada Yoo Qabaattan Yaada Keessan Nuuf Erguun Nu Quunnamaa