Focus jechuun hiikni guutuun isaa' Fellowship of Oromo Christian University Student jechuudha. Afaan Oromootiin 'Tokkummaa Barattoota Kiristiyana Oromoo jechuudha. Akkuma dhabbata olii irraa hiikni itti keenamettis. FOCUS jechuun ilaalacha siyaasa kamirraayyuu bilisadha.
Wangeela Mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf kan hundeeffame, tokkummaa barattootaKiristiyaanaa Oromoo kan bakka bu’uudha. FOCUS jechi jedhu, jecha Kottoonfataa dha. hiikni isaas: Afaan Ingiliffaatiin
"Waaqayyoo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf mitii! "
“Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta’u; waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta’etti qabamaa jiraadhaa! Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfinakennuudhaaf wal dorgomaa!”
"Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetani buddenni idssn irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a. Ka'ee gara abbaa koo, Waaqayyoon, sis yakkeera; Si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu" jedhaan. Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulletti isa argee garaan isaa mooga'ee; itti fiigees ilma isaatti armee dhungates. Ilmi isaa garuu,' Yaa abbaa ko, ani si Waaqayyoon, sis yaakkera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u' jedheen.Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, 'Dafaati uffata isa keessaa caalu fidaati itti uffisa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees milla isaatti kaa'a, Tuntunicha coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas. Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'e jiraate, bade ture in argames jedhe; hundumtinuus itti gammadan
Yesu,"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabate, mootumaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u" jedhe deebiseef